Oromo Eenyummessa keessan keessaa, isa kamtu ilaalama?

Publisert: 24. februar 2025

Yeroo haasofni waa’ee qubsumaa gaggeefamu, odeefannoowwan dhunfaa keessan kan qubsuma keessaniif barbaachisaa ta’an ilaalamuu danda’u. Qubsuma kessaniin walqabatee odeefannoowwan dhunfaa kunniin qaamoota mootummaa Norway irraa namoota ta’aniin ni ilaalama.

Odeeffannowwan armaan gadii ni ilaalla:

  • Haala xiyyeffannoo addaan ilaalamuu qaban dhimma qubsumaan wal qabatee.
  • Yeroowwan , teessuma fi afaan haadhaa-abbaa(afaan dhalootaa).
  • Afaan turjumaanaf filatamu.

Yoo qubsumaaf barbaachise, odeefannowwan armaan gadiitis ilaalamuu danda’u

  • Sabaa fi sablammii.
  • Amantii fi ilaalcha amantii
  • Haala ykn seenaa yakkaa
  • Haala fayyaa
  • Haaloota qunnamti-saala waliin wal qabatan kan akka fedhii-saalaa(fkn saala walfakkatu jaalachuu fi kkf) fi hubannoo-saalaa(fkn dubara, dhira fi kkf)

Nuti odeefannoo waa’ee fayyaa keessan ilaaluun dura, isin hayyamuu keessan labsiihayyama(samtykkeerklaring) irratti mallatteessu qabdu. Labsichi akka oggeeyyiin fayyaa odeefannofayyaa keessan dabarsani kennuu danda’anii fi akka nuti odeefannoo sana ilaalu dandeenyu ibsa.
Hojjattooni moora baqatoota labsicha-hayyama kana guutuf gargaarsa barbaachisaa ta’an isiniif laatu.

Maalif Eenyumeessa keessan ilaalla?

Nuti eenyummessa keessan kan ilaalluuf, fedhii fi dandeetti keessan irraatti hunda’uun bakka isinif mijatu isinin qubsiisudhaafi . Odeefannoon-dhunfaa keessan kan ilaalamu dhimma kana ilaallatu qofaafi. Nuti odeefannoo fayyaa keessan kan ilaallu yoo isin hanqina-qaamaa hamaa qabattan fi/ykn amala-rakkisaa qabaattan ykn rakkina fayyaa kan biraa kan mijaa’ina manaa addaa gaafatu ta’e qofaadha.

Eenyuuf Eenyummeessa keessan dabarsine kennina?

Erga haasofni waa’ee qubsumaa gaggeefame booda, mooraan baqatoota(kan damee UDI taate) odeefannoo dhunfaa kan barbaachisoo ta’ an dabarsee IMDi,NAV, Bulchina Godina fi Bulchina Aanaaf kennuu danda’a. Haalli qoodiinsa-odeeffannoo karaa egumsa qabu meesha dijitali IMDinett tiin rawwatama. Meeshaan kun meesha walqunnamti IMDi fi bulchinsa godina fi aanati.
Nuti odeefannoo kana yoo baay’ee tursiine, erga haasofni kun raawwatamee booda waggoota 15 booda balleessina .